Fana: At a Speed of Life!

Magaalaa Sabbataatti Gamoon ijaarramaa jiru kufuun lubbuu namootaa galaafate

Finfinnee, Muddee 17, 2014 (FBC) – Bulchiinsa Magaalaa Sabbataa Ganda 02 Alamganaa Iddooo Bashannanaa Yooyyoo jedhamu fuulduratti Gamoon ijaarsarra jiru kufuun lubbuu namootaa galaafachuu ibsame.

Hojjettoota gamoo sanarra turan keessaa reeffii nammoota 3 kan argame yoo ta’u, reeffi nama 1 barbaaddamaa jiraachuu ragaan Waajjira Kominikeeshinii magaalichaarraa argame ni muul’isa.

Ka’umsa balaa kanaas poolisiin qoratee qaamolee du’aatii lubbuu namoota kanneenitiif sababa ta’an seeratti kan dhiyeessu ta’uu ibsameera.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.