Fana: At a Speed of Life!

Gareen shororkeessaa Shanee maatii preezdaantii BMNO duraanii obbo Alamaayyoo Atoomsaa dabalatee namoota nagaa 8 ajjeessuu ibsame

Finfinnee, Muddee 17, 2014 (FBC) – Gareen shororkeessaa Shanee maatii preezdaantii BMNO duraanii obbo Alamaayyoo Atoomsaa dabalatee namoota nagaa 8 haala sukaneessaan ajjeessuu Bulchiinsi aanaa Noonnoo Beenjaa beeksiise.

Garichi Godina Jimmaa aanaa Noonnoo Beenjaa ganda Koonchiitti obboleeyyaan Preezdaantii Bulchiinsa Mootummaa naannoo Oromiyaa duraanii obbo Alamaayyoo Atoomsaa 3 dabalatee lammiilee nagaa 8 ajjeesuu bulchiinsi ibseera.

Garichi obboleeyyaan Alamaayyoo Atoomsaa Adabaa Atoomsaa, Tiliintii Atoomsaa fi Mulaatuu Atoomsaa jedhaman obboleeyyaan 3 ajjeessuu isaa itti aanaa bulchaan Noonnoo Beenjaa obbo Bareechaa Tukkuu himuu isaanii OBN gabaaseera.

Manneen jireenyaa qonnaan bultoota 17 garee kanaan gubachuu obbo Bareechaan ibsaniiru.

Maatii obbo Alamaayyoon ala namoonni nagaa shan ajjeefamuu fi isaan keessa 2 dubartoota ta’uu dubbataniiru.

Garichi Muddee 15, 2014 ganama naannoo sa’aatii 3:30tti yakka kana raawwachuu obbo Bareechaan ibsaniiru.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.