Fana: At a Speed of Life!

Gabaan Dilbataa magaalaa keenyatti karaa bu’aa qabeessa ta’een itti fufeera – Aadde Adaanach Abeebee

Finfinnee, Muddee 17, 2014 (FBC) – Gabaan Dilbataa magaalaa Finfinnee karaa bu’a qabeessa ta’een itti fufuu Kaantibaan Magaalichaa Aadde Adaanach Abeebee ibsan.

Erga eegalee torbee 9 ol kan ta’e gabaan Dilbataa, bittaa fi gurgurtaa kallattiin wal qunnamsiisaa qaala’insa jireenyaa hir’isuuf akka gargaaru sirna bittaa fayyaalessi uumaa jiraachuu ibsaniiru.

Oomishalee qonnaa keessattuu kuduraa, muduraa fi oomishaawwan dheedhii, dhiyeessii oomisha warshalee dhiyeessa fooyya’insa kan qabuuni fi gatii madaalawaan daldaaltotaaf dhiyeessutti argama.

Gabaan dilbaataa kun yeroo iddoolee 13 babal’achuu fi torbee dhuftu keessas giddugalli gurgurtaa Gabaa Dilbataa 14ffaan kan banamu ta’uu ibsaniiru.

Gabaan Dilbataa karaa karoorfameen akka deemuu fi bu’a qabeessa akka ta’uuf qaamolee qooda qaban hunda galateeffataniiru.

Bulchiinsi magaalichaa gara fuulduraattis oomishtootaa fi bittoota kallattiin karaa walirraa bitan daldaala fayyaalessa uumuu fi gochoota kana fakkaatan kan eegalle cimsee kan itti fufu ta’uu Aadde Adaanach Abeebee fuula feesbuukii isaaniin ibsaniiru.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.