Fana: At a Speed of Life!

Ummanni Ityoophiyaa marti isin faana jira – Preezdaant Saahilawarq

Finfinnee, Muddee 16, 2014 (FBC) – Garee kubbaa miilaa biyyaalessa Ityoophiyaa Waancaa Afrikaa 33ffaarratti hirmaachuuf gara Kaameeruun imaluuf bakka keessummooni kabajaa argamanitti gaggeessan taasiifameera.

Sirnicharratti Ministira Ministeera Aadaa fi Ispoortii obbo Qajeelaa Mardaasaa dabalatee keessummoonni waamichi taasiifamee argamaniiru.

Preezdaant Saahilawarq saganticharratti ergaa viidiyoon dabarsaniin gareen kubbaa miilaa Biyyaalessa Ityoophiyaa hirmaannaa Waancaa Afrikaa 33ffaa qopheessummaa Kaameeruuniin gaggeeffamurratti taasiisuun bu’aa gaarii akka galmeessu hawwii qaban ibsaniiru.

Ityoophiyaan hundeessituu Waldaa Kubbaa miilaa fi Waancaa Afrikaa ta’uu kaasuun garee kubbaa miilaa Afrikaatti dorgomaa ta’ee ijaaruun ga’ee qaama hundaa ta’uu himaniiru.

Miseensonni garee biyyaalessaa Ityoophiyaa bakka bu’uun taphicharratti hirmaatan itti gaafatamummaa olaanaa qabaachuu hubachiisaniiru.

Maqaa Ityoophiyaa roga gaariin ijaaruuf qooda isaanii akka ba’an yaadachiisaniiru.

Ummanni Ityoophiyaa hundi isin faana jira jechuun jajjabeessaniiru.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.