Fana: At a Speed of Life!

Instiitiyuutichi dhaabbilee odeeffannoo Ji’oospaashaalii barbaadaniif waliin ga’aa jira jedhame

Finfinnee, Muddee 16, 2014 (FBC)- Dhaabbilee odeeffannoo Ji’oospaashaalii barbaadaniif waliin ga’aa jira Instiitiyuutiin odeeffannoo Ji’oospaashaalii Ityoophiyaa beeksise.

Inistiitiyuutichi waggoottan 70 darbanitti odeeffannoowwan ji’oospaashaalii qopheessuun guddina hawaasummaa fi diinagdee biyyaarratti ga’ee isaa ba’achuu daayrektarri olaanaan inistiitiyuutichaa Dooktar Tulluu Bashaa ibsaniiru.

odeeffannoowwan ji’oospaashaalii qorannoo duraa misooma Baadiyyaa fi magaalaa, hojii daandii, Bulchiinsa lafaa fi bu’uuraalee misoomaarratti ga’ee olaanaa qabaachuu kaasaniiru.

Inistiitiyuutichi waggoottan 10 darbanitti ijaarsa bu’uuraalee misoomaa waliin walqabatee hojiiwwan ijoo hojjechuu himaniiru.

Inistiitiyuutichi sirna bulchiinsa lafaa ammayyeessuun walqabatee sagantaalee galmeessa lafaa hojiitti hiikaa jiraachuu eeraniiru.

Maddi:- TOI

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.