Fana: At a Speed of Life!

Gareen shororkeessaa ABUT Inistiityuutii Qorannoo Qonnaa Siiriinqaa gubuu isaan qabeenyi Birrii biiliyoona 2 olitti tilmaamamu barbadaa’uu ibsame

Finfinnee, Muddee 15, 2014 (FBC) – Godina Walloo Kaabaa aanaa Harbuutti gareen shororkeessaa ABUT Inistiityuutii Qorannoo Qonnaa Siiriinqaa gubuu isaan qabeenyi Birrii biiliyoona 2 olitti tilmaamamu barbadaa’uu Inistiityuutichi beeksiise.

Inistiityuutii Qorannoo Qonnaa Siiriinqaa kun bu’aa qonnaa qorannoon deeggaraman qonnaan bultootaaf dhiyeessaa turuu qorataa fi Bakka Bu’aan Inistiityuutichaa obbo Akaaluu Gabruu ibsaniiru

Qorannoo Sanyii fooyya’oo, Beelladaa fi misooma Bosonaarratti hojiilee qorannoon deeggaraman hojjechuun bu’aa olaanaa argamsiisaa turuu eeraniiru.

Garichi beelladoota dhaabbatichaa, Gamoowwan 32, argannoowwan qorannoo fi hojiilee biroo gubee sokkuu ibsaniiru.

Qorannoo taasiifameen qabeenya dhaabbatichaa Birrii biiliyoona 2 olitti tilmaamamu barbadeessuu obbo Akaaluun eeraniiru.

Maddi:- AMC

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.