Fana: At a Speed of Life!

Deeggarsi uummanni taasisaa jiru dirqamaa fi ergama nutti kenname gootummaan akka ba’annuuf kaka’umsa kan uumedha- Meejer Jeneraal Yilmaa Mardaasaa

Finfinnee, Muddee 15, 2014 (FBC)- Deeggarsi uummanni Raayyaa Ittisa Biyyaaf taasisaa jiru dirqamaa fi ergama nutti kenname gootummaan akka ba’annuuf kaka’umsa kan uumedha jedhan ajajaa olaanaan humna qilleensarraa FDRI Meejer Jeneraal Yilmaa Mardaasaan.

Ityoophiyaan biyya guddoo fi humni qilleensaa ishee madaalu ijaaramaa jiraachuu kaasaniiru.

Waraana otuma gaggeessinuu hojiilee bu’uuraalee misoomaa hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.

Bakka hojii fi jireenyaa mijataa uumuuf Miseensota Raayyaa Ittisa Biyyaa fi dhaabbilee garaagaraa qindeessuun hojiilee hedduun hojjetamuu ibsaniiru.

Deeggarsi uummanni Raayyaa Ittisa Biyyaaf taasisaa jiru dirqamaa fi ergama nutti kenname gootummaan akka ba’annuuf kaka’umsa nutti uumeera jedhaniiru.

Meejer Jeneraal Yilmaan kana kan jedhan wayita deeggarsa Sangootaa hiriyoonni kutaa magaalaa Lammii Kuraa taasisan fuudhanitti.

Deeggarsa taasifameef galateeffachuu ragaan Ministeera Raayyaa Ittisa Biyyaarraa argame ni muul’isa.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.