Fana: At a Speed of Life!

Miseensonni mana maree Gambeellaa cimina sabdaneessummaaf hojjechuu qabu- Af Yaa’ii mana marichaa

Finfinnee, Muddee 15, 2014 (FBC)- Miseensonni mana maree naannoo Gambeellaa cimina sabdaneessummaaf hojjechuu akka qaban Af Yaa’iin mana maree naannoo Gambeellaa aadde Baanchaayyoo Dingataa ibsani.

Manni marichaa miseensota haaraa mana marichaaf danbii naamuusaa fi hojiimaataa fooyya’e ba’erratti leenjii kennaa jiraachuu ibsameera.

Manni marichaa imaanaa uummataan itti laatame haalaan ba’achuuf danbii naamuusaa fi hojiimaataa haaraa fooyya’ee ba’e gara hojiitti hiikuun itti gaafatamummaa isaa ba’achuu akka qabu ibsaniiru.

Miseensonni mana marichaa uummata isa filate fayyadamaa misoomaa fi bulchiinsa gaarii taasisuuf eeruu fi iyyannnoowwan yeroo yeroon dhiyaatan bu’uura godhachuun uummata waliin walquunnamuun marii taasisuun akka irra jiraatu himaniiru.

Miseensonni mana marichaa malaammaltummaa fi gochoota badaarraa of qusachuun irratti qabsaa’uu akka qaban kaasuu isaanii ragaan Waajjira Seekretariyaat Preesii naannichaarraa argame ni muul’isa.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.