Fana: At a Speed of Life!

Proojektiin Buufataa fi Tarminaala Dirree Dawaa Birrii biiliyoona 2 ijaarramaa jiru % 95n xumurame

Finfinnee, Muddee 15, 2014 (FBC) – Ijaarsi Proojektiin Buufataa fi Tarminaala Dirree Dawaa % 95 xumuramuu Dhaabbanni Geejjibaa Galaanaa fi Loojastiksii beeksiise.
Proojektichi baasii Birrii biiliyoona 2 oliin ijaarramaa kan jiru yoo ta’u, hanga Baatii Amajjiitti xumuruuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu ibsameera.
Buufannii fi Tarminaalli sadarkaa idil addunyaa eeggatee ijaarramaa jiru kun akka Afrikaatti tarminaala filatamaa ta’uu danda’a jedhame.
Tarminaal fi Buufata Mojootti aanee Buufata bu’uuraalee misoomaa Baaruuraa qabu yoo ta’u, lafa hektaara 34 irra qubachuu isaa ragaan Dhaabbata Geejjibaa Galaanaa fi Loojastiksiirraa argame ni muul’isa.
Naannoo keessan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.