Fana: At a Speed of Life!

Hojjattoonni Ministeerichaa Oomisha qonnaan bultoota adda waraanaa jiranii walitti qaban

Finfinnee, Muddee 15, 2014 (FBC) –Hojjattoonni Ministeera Aadaa fi Ispoortii fi itti waamamtoonni isaa oomisha maatii qonnaan bultoota adda waraanaa duulaanii walitti qaban.
Hojjaattoonni Ministerra Aadaa fi Ispoortii fi itti waamamtoonni isaa Godina addaa Oromiyaa naannawa Finfinnee aanaa walmaraatti oomisha qonnaan bultoota adda waraanaa jiranii walitti qabaniiru.
Oomisha qonnaan bultoota kanneen walitti qaburrattii Ministir Deetaan Ministeera Aadaa fi Ispoortii Aadde Warqinash Birruu argamuun hasawa taasisaniin qonnaan bultoota dirree waraanatti imaluun biyya tiksaa jiran cinaa dhaabbachuun barbaachisaa ta’uu ibsaniiru.
Ministeerri Aadaa fi Ispoortii yeroo garaagaraatti gooticha raayyaa ittisa biyyaaf deeggarsa taasisaa jiraachuu Aadde Warqinash Birruu himaniru.
Hojjattoonni Ministeera Aadaa fi Ispoortii oomisha lafa hektara 3 irra jiru walitti qabamuu itti gaafatamaan Waajjira qonnaa Aanaa walmaraa obbo Dassaalany Tashoomaa himaniiru.
Dajanuu Gonfaatu gabaase.
Naannoo keessan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.