Fana: At a Speed of Life!

Uummanni lubbuusaa biyyasaaf kenne qabeenya barbadaa’an deebisee dhaabuu hin dadhabu- hoggantoota olaanoo naannolee

Finfinnee, Muddee 15, 2014 (FBC)- Uummanni lubbuusaa biyyasaaf kennee garee shororkeessitootaa qolate qabeenya barbadaa’an deebisee dhaabuu hin dadhabu jedhan hoggantoonni olaanoo naannolee Oromiyaa fi Amaaraa.

Gocha badii gareewwan shororkeessitootaa ABUT fi Shaneen raawwataniin lammiileen nagaa ajjeefamuu fi qe’ee fi qabeenya isaaniirraa buqqa’uu Komishinarri komishinii hoggansa Sodaa Balaa Oromiyaa fi kaafamtoota Misoomaa obbo Muusxafaa Kadir ibsaniiru.

Gareewwan kanneen irratti Ityoophiyaanonni hundi qabsaa’uu fi balaaleffachuu akka qaban turtii Faanaa Broodkaastiing Koorporeet waliin taasisaniin ibsaniiru.

Shaneen duudhaa hawaasaa salphisuun godiinota kibbaa fi lixa Oromiyaatti hawaasarraan miidhaa qaqqabsiisaa jiraachuu kaasaniiru.

Tarkaanfiin kaaba Ityoophiyaatti fudhatame Shanee irrattis kan fudhatamu ta’uu eeraniiru.

Wanti guddaan jabina keessoo keenyaati, hojjennaan ni oomishna, waltumsinaan ni injifanna jedhaniiru.

Lammiilee qe’ee fi qabeenya isaaniirraa buqqa’an deeggaruu fi dhaabbilee barbadaa’an deebisnee dhaabuutu nurra jira jedhan.

Waajjira Paartii Badhaadhinaa naannoo Amaaraatti hogganaan damee Siyaasaa obbo Mollaa Malkaamuu gamasaaniin, gareen shororkeessaa ABUT dhaabbilee bishaanii, Fayyaa, qabeenya waldaalee hojii gamtaa fi dhaabbilee kenniinsa tajaajilaa biroo saamuu fi barbadeessuu kaasaniiru.

Biyyoonni lixaa dadhabbii Ityoophiyaarraa ni buufanna jedhanii yaadan jiraachuu fi kaayyoon isaaniis Ityoophiyaa diiguu fi bittimsuu akka ta’e kaasaniiru.

Dhiibbaa biyyoota lixaa fi weerara garee shororkeessaa ABUT deeggarsa uummata Ityoophiyaa fi bobbii qindaa’aa qamolee nageenyaan  qolachuun danda’amuu ibsaniiru.

Hojiin qabeenya saamamee fi barbadaa’e adda baasuu yeroo kan fudhatuu fi adeemsarra kan jiru ta’uu ibsuun dhaabbilee barbadaa’an deebisanii dhaabuuf deeggarsi uummataa kan barbaachisu ta’uu yaadachiisaniiru.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.