Fana: At a Speed of Life!

Abbootiin qabeenya deeggarsa taasisuurra darbee filannoowwan invastimantiirratti bobba’uu qabu-Preezdaant  Awwal Arbaa

Finfinnee, Muddee 15, 2014 (FBC)- Abbootiin qabeenyaa deeggarsa taasisuurra darbee filannoowwan invastimantiirratti bobba’uu qabu jechuun Preezdaantiin Naannoo Affaar obbo Awwal Arbaan himaniiru.

Preezdantichi kana kan jedhan marii komishinii invastimantii Ityoophiyaa naannoo Affaaritti yaa’insa hojii misooma invastimantiirratti abbootii qabeenyaa waliin mari’anirratti.

Affaar biyya qabeenyaa qabdu qofa osoo hin taanee biyyaa eeguu kan dandeessuudha kan jedhan preezdaantichi, abbootiin qabeenyaas miidhamtoota deeggarurra darbee naannichatti misooma invastimantiirratti akka bobba’aan waamicha dhiyeesaniiru.

Komishiniin Invastimantii Ityoophiyaa gama isaan, diinagdee waraanaan miidhamee ariitiin suphuun damichi deeggaramuu qaba jedhaniiru.

Gama biraatin biyya keessatti kan oomishamaan nyaata fi meeshaalee nyaata Birrii miiliyoona 16 lammiilee buqqa’aniif laateera.

Naannoo Affaaritti namoonni miiliyoonni 1.3 weerara garee shororkeessaa ABUT’tiin qe’ee fi qabeenyaa isaaniirra buqqa’uu ibsameera.

Soddoo Lammaatu gabaase.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.