Fana: At a Speed of Life!

Chaayinaan Ityoophiyaaf hanga ammaatti talaallii vaayrasii koroonaa miiliyoona 5 laatte

Finfinnee, Muddee 15, 2014 (FBC)- Chaayinaan Ityoophiyaaf hanga ammaatti talaallii vaayrasii koroonaa miiliyoona 5 laateetti.

Ityoophiyaatti Imbaasiin Chaayinaa ibsa Faanaa Broodkaasting Koorporeetiif ergeen, biyyattin Ityoophiyaaf deeggarsa talaallii miiliyoona 5 laachuurra darbee Ityoophiyaan talaallichaa bittaan akka argattuuf mijeessuu fi gama Koovaasiin talaallii miiliyoona 2tti siquu akka argattuuf taasisteetti

Ibsichaan waltaajjii Chaayinaa-Afrikaa dhiyeenya gaggeeffameen Preezdaantiin biyyaatti Shii Jiin Piing yeroo itti aanuutti talaallii biiliyoona 1 biyyoota  Afrikaaf akka laattuu waada galuun isaanii ni yaadatama.

Chaayinaan waada galtees ni eegdi kan jedhu ibsichi, Ityoophiyaatti weerarri vaayrasichaa babaldhachuusaaf waadaan galamee aariitiin gara hojiitti akka galuu ni taasifama.

Chaayinaan hanga ammatti biyyoota 120’f doozii biiliyoona 1tti siquu laatchuu imbaasichi ibseera.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.