Fana: At a Speed of Life!

Damee Indaastirii oomishaarraa baatiiwwan 5 darbanitti galiin Doolaarri Miiliyoona dhibba 2 ol argame

Finfinnee, Muddee 15, 2014 (FBC)- Damee Indaastirii oomishaarraa baatiiwwan 5 darbanitti galiin Doolaarri Miiliyoona dhibba 2 fi miiliyoonni 3 argamuu Ministeerri Indaastirii beeksise.

Baatiiwwan Shan darbanitti oomishaalee dameewwan Indaastirii oomishaarraa galii Doolaara miiliyoona dhibba 2 fi miiliyoona 15 argamsiisuuf karoorfamee Doolaarri Miiliyoona dhibba 2 fi miiliyoonni 3 argamuu ministeerichi ibseera.

Kanaanis % 94 karoorichaa milkeessuun danda’amuu eerameera.

Galiin kun kan yeroo walfakkaataa bara darbeen walbira qabamee yoo ilaalamu garaagarummaa Doolaara miiliyoona 45.85 ta’uu ibsameera.

Rakkinaaf osoo harka hin kenniin Ityoophiyaa hiyyummaa keessaa baasuun qaama duula birmadummaa ta’uu ragaan Ministeera Indaastiriirraa argame ni muul’isa.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.