Fana: At a Speed of Life!

Turki hamma Maallaqni ishee Doolaara Ameerikaa waliin qabu sirreessuuf Fooyya’iinsa Faayinaansii taasiifte

Finfinnee, Muddee 15, 2014 (FBC) – Turki humna Maallaqni ishee Doolaara Ameerikaa waliin qabu sirreessuuf Fooyya’iinsa Faayinaansii taasiisuu eegalteerti.
Tibbana Maallaqni Turkii Liireen hammi sharafa Doolaara Ameerikaa waliin qabu gadibu’uu hordofee rakkoo kana furuuf Preezdaantiin biyyattii Reejiib Xaayib Erdoohaan fooyya’iinsa Faayinaansii ifoomsaniiru.
Preezdaantichi Fooyya’iinsa Faayinaasii dandeettii Liiree dabaluu danda’a jedhan taasiisuu isaanii hordofee ummata biratti tasgabbiin uumamaa jiraachuu ibsameera.
Fooyya’iinsi kun dandeetti Liireen Doolaaraa Ameerikaa waliin qabu hanga tokko dabaluu fi sharafni gabaa akka tasgabbuu taasiisuu eerameera.
Akkaataa fooyya’iinsa Maallaqa kanan lammiileen biyyattii Liiree Baankii akka kaa’an kan jajjabeessuu yoo ta’uu, humni Doolaarii wayita dabale kiraasaa muudachuu danda’u mootummaan gibiraaf aara galfii laachuu fi karaalee biroon akka uwwisu eeruu Miidil Isti Mooniitar gabaaseera.
Naannoo keessan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.