Fana: At a Speed of Life!

Preezdaant Puutiin dhiibbaa biyyoonni Lixaa Raashiyaa fi Chaayinaarraan ga’an akka dhaaban gaafatan

Finfinnee, Muddee 15, 2014 (FBC)- Preezdaantiin Raashiyaa Vilaadmiir Puutiin dhiibbaa biyyoonni Lixaa Raashiyaa fi Chaayinaarraan ga’an akka dhaaban gaafataniiru.

Preezdaant Puutiin guddinni biyyoota lameenii dhiibbaa biyyoota lixaan kan hin gufanne ta’uu beeksisaniiru.

Biyyoonni lameen dameewwan qorannoo hawaa, Fayyaa, Saayinsii fi Raayyaa Ittisaa Biyyaanii fi Daldalaan hariiroo cimaa ijaaruu ibsaniiru.

Diinagdeen chaayinaa olaantummaa diinagdee Ameerikaa fudhachuu fi dandeettiin bittaa ishee dabalaa dhufuu kaasaniiru.

Humni kamuu imala guddinaasheerraa duubatti ishee deebisuu danda’u kan hin jirre ta’uu himaniiru.

Raashiyaan waliigalteewwan gama jijjiiram qabeenya qilleensaa fi hanga oomisha boba’aa hir’isuu kabajaa jiraachuu ibsaniiru.

Himata sobaa biyyoonni lixaa Raashiyaan gurgurtaa alaa boba’aarratti %10 dabalteetti jedhu akka dhaabbatu gaafataniiru.

Biyyoonni lixaa  Olompiikii Beejiing 2022 chaayinaatti adeemsifamuuf jedhu bifa siyaasaan ilaaluu akka dhiisan gaafataniiru.

Maddi:- CGTN

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.