Fana: At a Speed of Life!

Bulchiinsi magaalichaa  dhaabbilee fayyaa garee shororkeessaa ABUTiin barbadaa’an gara hojiitti deebisuuf  koree hundeessa hojjechaa jira- Aadde Adaanech Abeebee

Finfinnee, Muddee 14, 2014 (FBC)- Bulchiinsi magaalaa Finfinnee  dhaabbilee fayyaa garee shororkeessaa ABUTiin naannolee Amaaraa fi Afaaritti barbadaa’an gara hojiitti deebisuuf koree hundeessa hojjechaa jiraachuu kantiibaan magaalaa Finfinnee aadde Adaanech Abeebee ibsaniiru.

Gareen shororkeessaa kun ji’oota darban iddoolee weeraraan qabatetti mancaatiin inni geessise ulfaata ta’uu ibsaniiru.

Keessattuu xiyyeeffannoon gareen badii kun manneen barnootaa, buufataalee fayyaa, keellaa faayyaa fi hospitaalota irratti qabu kan daangaa darbe ta’uu kaasaniiru.

Kan barbadaa’uu danda’u barbadeessera, buqqisee fudhachuu kan danda’u fudhateera jedhan ergaa gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin.

Garee weeraraan miidhamni qaamaa fi qor qalbii kan irra ga’e haadholii ulfaa, manguddootaa fi daa’immaan keessattuu hawaasni yaala deddeebi’anii yaalamuu irratti argaman rakkoo kanaaf saaxilamoodha jedhan.

Dhimmi fayyaa eenyuufillee kan yeroo kennu miti. Kanarraa ka’uun bulchiinsi magaalaa keenyaa waraanni qor qalbii erga jalqabee kaasee dameewwan kanaan hojii  hedduu hojjechaa turuu kaasaniiru.

Ogeessota fayyaa 400 adda waraanaa garaagaraatti erguu ibsuun Walumaa galatti qarshii miiliyoona 75 ol qorichoota gargaraa fi meeshaalee fayyaa qaburraa qoodeefii jiraachuu ibsaniiru.

Humna namaatiin akkasumas meeshaalee yaalaa fi qoricha dhiyeessuun irra deebiin akka gurmaa’anii gara tajaajila kennuutti akka seenan taasifamuu himaniiru.

Dabalataanis buufataalee fayyaa 11 dhaabsisuun sadarkaa xumuraarratti kan argamu ta’uu eeraniiru.

Deeggarsi keenya akkasuma itti fufa jedhaniiru.

Damee dhuunfaa fi abbootii qabeenyaa waliin ta’uun mana barumsaa fi dhaabbilee kana fakkaaatan deebisanii ijaaruu irratti xiyyeeffannoo kennuun garee hojjatu hundeessineerra jedhan.

“Huubboo ( Okkoteen ) Cirrachatti Hirkata” akkuma jedhan dhaabbileen kunneen gara hojii isaanii duraatti hanga deebi’anitti waan dandeenyu gochuuf yeroo hin kenninu jedhaniiru.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.