Fana: At a Speed of Life!

Godina Gujiitti Miseesonni Shanee qaamolee nageenyaatti harka kennatan

Finfinnee, Muddee 14, 2014 (FBC)- Godina Gujiitti Miseesonni Shanee garecha ganuun qaamolee nageenyaatti harka kennachaa jiraachuu namoonni ijaan argan ibsaniiru.

Tattaaffii mootummaan miseensonni garichaa hidhannoo hiikkachuun karaa nagaa akka deebi’aniif taasise hordofee miseensonni garichaa hedduun karaa nagaa qaamolee nageenyaatti harka kennaachaa jiru.

Tibbana qofa miseensonni Shanee hudduun qaamolee nageenyaatti harka laataniiru.

Godina Gujiitti aanaa Liiban keessa sochaa’aa kan turan miseensonnio Shanee Mahaammad Huseen( Falmataa), Xaayir Abdoo( Didaa) fi Tuusaa Abbuu ( Lammii) kan jedhaman mootummaaf harka laachuu namoonni dhimmicha dhiyeenyatti beekan ijaan argu ibsaniiru.

Odeffannoo Faanaa Broodkaastiing Korporeetiif erganiin namoota kanneen dabalatee miseensonni hedduun karaa nagaa poolisii Oromiyaa fi milishaa Nagallee Booranaatti argamanitti harka kennachuu ibsaniiru.

Miseensonni garechaa karaa nagaa harka laachuuf  fedhii qabaachuu ibsameera.

Garaagarummaa miseensota garichaa gidduutti uumameef sababni inni guddaan lakkoosi  yaada garaagarummaa keenya qawweerra mariin haa hiiknuu jedhu dabalaa dhufuu isaan ta’uu kaasaniiru.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.