Fana: At a Speed of Life!

Gareen shororkeessichaa  ajjeechaa jumlaa raawwate awwaalcha jumla 60 keessatti mooraa mana barnootaa keessatti awwaalee baqate jedhame

Finfinnee, Muddee 14, 2014 (FBC)- Gareen shororkeessaa ABUT ajjeechaa jumlaa raawwate  awwaalcha jumla 60 fi awwalchota qeenxee  keessatti mooraa mana barnootaa keessatti awwaalee baqachuu Ministeerri Barnootaa beeksise.

Gareen shororkeessaa kun ajjeechaa jumlaa raawwate  godina Walloo Kibbaa mooraa Mana barumsaa sadarkaa 2ffaa Garbaa Alnajaash keessatti awwalcha jumlaa 60 olii fi   awwalchota qeentee keessatti awwaale baqachuutu ibsame.

Gareen shororkeessaa naannolee Amaaraa fi Afaar bakkeewwan weeraree turetti manneen barnootaa kaampii waraanaa taasisuu bira darbee qabeenya manneen barnootaa saamuu fi barbadeessuu ibsameera.

Gareen shororkeessichaa mana barnootaa gara awwaalchaatti jijjiiruu fi barattoonni deebi’anii itti barachuuf ammo dhiibbaa xiinsammuu irraan gahuu ibsameera.

Awwaalchota manneen barnootaa keessa jiran kaafamanii gara bakka awwaalchaatti akka geeffamaniif Mootummaan deeggarsa akka taasisuufiif jiraattonni gaafachuu ragaan Ministeera Barnootaarraa argame ni muul’isa.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.