Fana: At a Speed of Life!

Bakkeewwan garee shororkeessitootaan miidhamaniif xiyyeeffannoon addaa ni kennama- Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataa

Finfinnee, Muddee 14, 2014 (FBC)- Bakkeewwan garee shororkeessitootaan miidhamaniif xiyyeeffannoon addaa kennamee akka hojjetamu Walitti qabaan Koree Dhaabbii Dhimmoota Qonnaa obbo Salamoon Laalee ibsan.

Karoorri Miidhaa gareen shororkeessitootaa ABUT fi Shanee naannolee Oromiyaa, Amaaraa fi Afaarirratti qaqqabsiisan ilaalcha keessa galche qophaa’ee hojjetamuu akka qabu himaniiru.

obbo Salamoon kana kan jedhan wayita karoorri waggaa 5 fi 10 Ministeerota Qonnaa, Jallisii fi Naannolee Gammoojji fi Bishaanii fi Inarjii gamaggamamerratti.

Bakkeewwan waraanaan miidhaan irra gahetti tajaajila humna elektirikaa, bishaan dhugaatii fi dhiyeessii fi raabsa galtee qonnaarratti ministeeronni kunneen karoora waloo baafachuun qindoominaan hojjechuu akka qaban yaadachiisaniiru.

Ministeeronni kunneen dhaabbilee qabeenyi guddaan itti dhangala’u waan ta’aniif hojiimaata badaarratti qabsaa’uun tajaajila haqa qabeessa kennuuf kutannoon hojjechuu akka qaban ibsaniiru.

Hoggantoonni Ministeerota kanneenii gamasaaniin,  Bakkeewwan waraanaan miidhaan irra gahetti tajaajila humna elektirikaa, bishaan dhugaatii fi dhiyeessii fi raabsa galtee qonnaarratti karoora waloo baafachuun qindoominaan kan hojjetan ta’uu ibsuu isaanii ragaan Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataarraa argame ni muul’isa.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.