Fana: At a Speed of Life!

Torban darbe gama dippiloomaasiin hojii milkaa’aan hojjetameera-Ambaasaaddar Diinaa Muftii

Finfinnee, Muddee 14, 2014 (FBC)- Torban darbe hoggantoota olaanoo mootummaan hojiin gama dippiloomaasiin hojjetame milkaa’aa ta’uu dubbi himaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Diinaa Muftii ibsan.

Ambaasaaddar Diinaan ibsa torbanii dabarsaniin Preezdaantiin FDRI Saahilawarq Zawdeen biyyoota Afrikaa sadii Kootdivaar, Angoolaa fi Gaaboonitti daawwannaa hojii taasisuu ibsaniiru.

Marii hoggantoota biyyoota kanneenii waliin taasisanii haala yeroo Ityoophiyaarratti ibsa bal’aa taasisuu isaanii kaasaniiru.

Marichaanis hoggantoonni biyyoota sadeenii Ityoophiyaaf deeggarsa kan taasisan ta’uu mirkaneessuu isaanii  himaniiru.

Turtii preezdaantii Baankii Misooma Afrikaa waliin taasisaniinis deeggarsa baankichi Ityoophiyaaf taasisu cimee kan itti fufu ta’uu ibsaniiru jedhan.

Muummeen Ministiraa Abiy Ahimad daawwannaa Turkiitti taasisaniin Preezdaantii Rajiib Xaayib Eerdoogaan waliin turtii taasisuu fi marii sadakaa hariiroo biyyoota lameenii guddisuu danda’u taasisuu kaasaniiru.

Miseensonni Mana Maree Nageenyaa Afrikaa torban darbe magaalaa Finfinneetti marii taasisuu Ambaasaaddar Diinaan himaniiru.

Marichaan Ittaanaan muummee ministiraa fi Ministirri Ministeera Dhimma Alaa obbo Dammaqaa Makonnin dhimmi nageenyaa Afrikaatti dhimma hojii jalqabaa ta’uu akka qabu ibsa laachuu himaniiru.

Miseensonni mana marichaa gamasaaniin, daddabarsi meeshaa waraanaa fi maallaqaa seeraan alaa, dhiibbaan biyyoota alaa fi jijjiiramni qabeenya qilleensaa Afrikaatti dhimmoota akka rakkootti ka’an ta’uu ibsuu isaanii himaniiru.

Waamichi gara biyyaa diyaaspooraaf taasifame tokkummaa jabeessuuf, dhiibbaa biyyoota alaa dandamachuu fi hojii dheebisanii dhaabuu akka deeggaraniif kan kaayyeffate ta’uu ibsaniiru.

Kanaaf ammoo qophii barbaachisaan xumuramaa jiraachuu himaniiru.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.