Fana: At a Speed of Life!

Waltajjiin marii Addis Wag mata duree “ Birmadummaa Eeguun Guddina Itti fufsiisuu” jedhuun gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Muddee 14, 2014 (FBC)- Waajjira Muummee Ministiraatti guyyaa har’aa Waltajjii marii Addis Wag “ Birmadummaa Eeguun Guddina Itti fufsiisuu” mata duree jedhuurratti gaggeeffamaa jiraachuu ibsame.

Waltajjicharratti Yaada ka’umsa marii kan dhiyeessan Ministira Tajaajila kominikeeshinii Mootummaa Dooktar Laggasaa Tulluu, Ministira Ministeera Maallaqaa obbo Ahimad Shiidee fi Ambaasaaddar Reedwaan Huseen ta’uu ragaan waajjira Muummee Ministiraarraa argame ni muul’isa.

Qaamoleen kaayyoo siyaasaa hin qabne kanneen akka Shanee akka waan Finfinnee marsaniitti olola sobaa tamsaasaa turuu yaadachiisaniiru.

Diinonni alaa fi keessaa haala qindaa’aa ta’een meeshaa waraanaa, Maallaqaa fi uffata qaamolee  seeraan karaa seeraan ala daddabarsa turuu himaniiru.

Gareewwan shororkeessitootaa kunneen Uummata prooppogaandaa sobaan jeequuf hojii bal’aa hojjechaa turuu kaasaniiru.

Yaaliiwwan garee shororkeessitootaa kanneen fashaleessuuf mootummaan karoora qindaa’aa gama  labsii yeroo ariifachiisaan, hoggansa qindaa’aan, teeknooloojii fi humna namaan, hidhannoo fi galaan qophii eeraniiru.

Muummeen Ministiraa Abiy Ahimad gara adda waraanaatti duuluun dhiyeenyatti Raayyaa Ittisa Biyyaa hogganuun torban lama keessatti karoora gareewwan shororkeessitootaa fashaleessuun danda’amuu ibsaniiru.

Ministir Deetaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Reedwaan Huseen gamasaaniin, haala waraana kaaba Ityoophiyaarratti miidiyaaleen idil addunyaa gosa fi goolaba gabaasaa hojjetanii dursanii murteessaa akka turan kaasaniiru.

Dhaabbileen idil addunyaa madaalli jiru gara qaama tokkootti akka madaaluuf tattaaffii guddaa taasisaa turuu eeraniiru.

Dhiibbaan alaa fi keessaan Ityoophiyaarratti taasifamaa ture akka isheen dandeettii horattu taasisuu kaasaniiru.

Minisirri Ministeera Maallaqaa obbo Ahimad Shiidee gamasaaniin, baatiiwwan darbanitti miidhaa cimaan diinagdeerra ga’us diinagdeen maayikroo hanganatti kan hin miidhamne ta’uu kaasaniiru.

Bittaa fi gurgurttaan alaa fi hojiilee idileen haala gaariin hojjetamuu  ibsaniiru.

Carraa hojii uumuu ilaalchisee carraawwan hedduun jiraachuu eraniiru.

Kutaawwan biyyattii hedduu keessatti caasaaleen mootummaa tajaajilota idilee kennaa turuu himaniiru.

Hojiileen deeggarsa hatattamaa, bakkeewwan bilisa ba’anitti bu’uuraalee misoomaa deebisanii dhaabuu fi dhaabbileen tajaajilaa gara hojii idileesaaniitti akka deebi’an  taasisuu hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.

Miidhaa qaqqabe qorachuun baajata ramadanii gara hojiitti seenuun hojii itti aanu ta’uu kaasuun dhaabbileen misoomaa fi Ityoophiyaanonni hundi deeggaruu akka qaban yaadachiisaniiru.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.