Fana: At a Speed of Life!

Tokkummaan waraana nu injifachiise miidhaa qaqqabe deebisanii ijaaruuf itti fufuu qaba – Hoggantoota Biiroolee Turizimii

Finfinnee, Muddee 13, 2014 (FBC) – Tokkummaan waraana nu injifachiise lammiilee buqqa’an deebisanii ijaaruufis cimee itti fufuu akka qabu Hoggantoonni Biiroolee Turizimii Naannoo Oromiyaa fi Amaaraa ibsan.
Hoggantuun Biiroo Aadaa fi Turizimii Oromiyaa Aadde Sa’aadaa Usmaanii fi Hogganaan Biiroo Turizimii Naannoo Amaaraa obbo Xaahiir Muhaammad dhimmoota haala waqtaawaa ilaalchisee Faanaa Broodkaastiing Korporeet waliin turtii taasiisaniiru.
Waraannni waan gaarii ta’uu baatus Ummanni Ityoophiyaa tokkummaan daangaa hanga daangatti socha’uun waloon garee shororkeessaa waraanuun isaa taatee seenaa ta’uu Hogganaan Biiroo Turizimii Naannoo Amaaraa obbo Xaahiir Muhaammad ibsaniiru.
Tokkummaan kun cimee itti fufuun lammiilee buqqa’an deebisanii ijaaruuf waloon hojjechuun barbaachisaa ta’uu eeraniiru.
Miidhaa qaqqabe dandamachuuf hirmaannaa olaanaan kan barbaachisu ta’uu himaniiru.
Turizimiin adda durummaan nageenya kan barbaadu ta’uu Hoggantuun Biiroo Aadaa fiTurizimii naannoo Oromiyaa Aadde Sa’aadaa Usmaan ibsaniiru.
Tokkummaan waraanicharratti muul’ate bu’uuraalee misoomaa barbadaa’an deebisanii ijaaruuf cimee itti fufuu akka qabu kaasaniiru.
Naannoo Oromiyaatti iddooleen gareen shororkeessaa keessa socho’u daawwattoonni haala barbaadaniin akka hin sochoone sodaa uumuu himaniiru.
Aadde Sa’aadaan,diinoota guutumaan guutuutti barbadeessuun yeroo gabaabaa keessatti gara misoomaatti ni deebina jechuun dubbataniiru.
Naannoo keessan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.