Fana: At a Speed of Life!

Manneen Barnootaa naannoo Hararii 11 Kaarkulama barnootaa haaraa hojiirra oolchuuf yaalii eegalan

Finfinnee, Muddee 13, 2014 (FBC) – Manneen Barnootaa naannoo Hararii 11 Kaarkulama barnootaa haaraa hojiirra oolchuuf yaalii eegaluu Biiroon Barnootaa naannichaa beeksiise.
Hojiirra oolmaa Kaarkulama haaraa kanaa jalqabsiisuuf hirmaannaa olaanaan taasiifamaa turuu Hogganaan Biiroo Barnootaa naannoo Hararii Obbo Muktaar Saaliihii ibsaniiru.
Yeroo ammaa Manneen Barnootaa sadarkaa 1ffaa 10 fi sadarkaa 2fffaa 1 keessatti yaaliin eegaluu eeraniiru.
Kaarkulamni barnootaa biyyattii waggootaan 28 darbaniif hojiirra oolaa ture beekkumsa jaarraan 21ffaa barbaadu kan hin maddaalle ta’uu isaan kaarkulama haaraa hojiirra oolchuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa turuu eeraniiru.
Bara barnootaa itti aanu kaarkulama haaraa guutumaan guutuutti hojiirra oolchuuf qaamni dhimmi ilaallatu qooda isaanii akka ba’an waamicha dhiyeessuu isaanii ragaan Biiroo Kominikeeshinii Naannichaarraa argame ni muul’isa.
Akka biyyaalessaatti naannoo Hararii dabalatee naannoleen 5 kaarkulama kana hojiirra oolchuuf yaalii eegalaniiru.
Naannoo keessan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.