Fana: At a Speed of Life!

Qonnaan Bultoonni Harargee Lixaa loltootaafi jeneraalota misooma Sululaat – Proofeesar Iyaasuu Eeliyaas

Finfinnee, Muddee 13, 2014 (FBC) – ‘Qonnaan Bultoonni Harargee Lixaa loltootaafi Jeneraalota misooma Sululaati’ jedhan Ministir Deeetaan Ministeera Qonnaa Proofeesar Iyyaasuu Eeliyaas.
Ministir Deeetaan Ministeera Qonnaa Proofeesar Iyyaasuu Eeliyaas Godina Harargee Lixaa Aanaa Doobbaatti misooma sululaa qonnaan bultoota aanichaan hojjetaman daawwataniiru.
Daawwanicharratti hojii qonnaan bultoonni gaarreen manca’an deebisuuf hojjetan ajaa’ibsiifataniiru.
Qonnaan Bultoonni hojii kana hojjetan, loltootaa fi Jeneraalotaa misooma sululaati jechuun hojii isaaniitti diniqisiifataniiru.
Caalaatti laggeen biyyattiin qabduutti dhimma ba’uunis Ityoophiyaa qofaa miti Afrikaa sooruuf oomisha dachaan omishuun murteessaadha jedhaniiru.
Wabii midhaan nyaataan of danda’uuf kunuunsa qabeenya Uumamaa cimsuun barbaachisaa ta’uu eeraniiru.
Dabalaa Taaddasaatu gabaase.
Naannoo keessan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.