Fana: At a Speed of Life!

Duula birmadummaa tokkummaa sabdaneessaa torbeewwan sadan darbaniif gaggeeffameen injifannoo olaanaan argame – TKM

Finfinnee, Muddee 13, 2014 (FBC) – Gareen shororkeessaa ABUT akka sodaa nageenyaa fi birmadummaa Ityoophiyaa irra deebiin hin taaneetti dhabamsiisuuf tarkaanfiin fudhatamu kan itti fufu ta’uu Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa beeksiise.
Duula birmadummaa tokkummaa sabdaneessaa torbeewwan sadan darbaniif gaggeeffameen injifannoo olaanaan argamuu ibsaneera.
Raayyaan Ittisaa fi humnoonni nageenyaa tarkaanfii garee shororkeessaa ABUT irratti fudhataniin garicharra kisaaraa olaanaa qaqqabsiisuu Ministir Deetaan Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa obbo Kabbadaa Deessisaan ibsa haala yeroorratti laataniin eeraniiru.
Garichi injifatamuu isaa dhoksuuf imala dheeraa imalaa jiraachuu kaasaniiru.
Kisaaraa irra qaqqabu golguuf ummataa naannoo Tigraayii fi hawaasa idil addunyaa olola sobaan burjaajessaa jiraachuu kaasaniiru.
Miidiyaaleen idil addunyaa kana dura gareen shororkeessaa ABUT Finfinnee to’achuuf dhiyaatera jechaa turan amma ammoo garicha baraaruuf jechaa ABUT tarsiimoo fi nageenyaaf jecha gara Maqaleetti akka deebi’eetti dhiyaassaa jiraachuu obbo Kabbadaan ibsa laataniin himaniiru.
Biyyoonni tokko tokkos garichi tarsiimoof jecha duubatti deebi’eera jechuun ibsa baasaa jiraachuu eeraniiru.
Garichi akka irra deebiin nageenyaa fi birmadummaa Ityoophiyaaf sodaa hin taane dhabamsiisuuf tarkaanfiin fudhatamu cimee kan itti fufu ta’uu kaasaniiru.
Gareen shororkeessaa ABUT akka waranicha injifateetti hawaasa burjaajessuun irra deebiin of gurmeessuuf yaaliin taasiisu hin milkaa’u jedhan.
Naannoo keessan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.