Fana: At a Speed of Life!

Manni Maree Dhimmoota Islaamummaa lammiilee qe’ee fi qabeenya isaaniirraa buqqa’aniif deeggarsi akka taasifamuuf waamicha dhiyeesse

Finfinnee, Muddee 13, 2014 (FBC)- Manni Maree Dhimmoota Islaamummaa Waliigalaa bakkeewwan garaagaraatti lammiilee qe’ee fi qabeenya isaaniirraa buqqa’aniif deeggarsi akka taasifamuuf waamicha dhiyeessera.

Preezdaantiin Manni Maree Dhimmoota Islaamummaa Waliigalaa Muftii Hajii Umar Idiriis dhimmoota yeroo biyyaalessaarratti miidiyaaleef ibsa laataniiru.

Waraanni yeroo ammaa Ityoophiyaatti uumame akka hin uumamneef abbootiin amantaa fi jaarsoliin biyyaa hedduu dhama’uu yaadachiisaniiru.

Waraana kanaan lubbuun namaa baduu, hedduun qe’ee fi qabeenya isaaniirraa buqqa’uu, dhaabbileen amantaa fi tajaajilaa hedduun barbadaa’uu kaasaniiru.

Deeggarsa Ityoophiyaanonni lammiilee qe’ee fi qabeenya isaaniirraa buqqa’aniif taasisaa jiran galateeffataniiru.

Injifannoo yeroo ammaa biyyi galmeessisaa jirtu ibsuun bakkeewwan injifannoon argametti lammiilee qe’ee fi qabeenya isaaniirraa buqqa’an waaraan dhaabuuf deeggarsi akka  barbaachisu kaasaniiru.

Manni Maree Dhimmoota Islaamummaa Waliigalaa koree qindeessuun hojii hanga miidhaa qaqqabee adda baasuu hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.

Lakkoofsi baankii deeggarsa lammiilee qe’ee fi qabeenya isaaniirraa buqqa’an ittiin deeggaraman banamuu ibsuun Ityoophiyaanonni deeggarsa akka taasisan waamicha dhiyeessaniiru.

Deeggarsichi lammiilee sababa waraanaan kaaba Ityoophiyaarraa buqqa’anii fi Wallaggaarraa buqqa’an kan haammatu ta’uu himaniiru.

Abbootiin amantaa fi jaarsoliin biyyaa daandii nageenyaa agarsiisuu akka qaban  yaadachiisaniiru.

Fatiyaa Abdallaatu gabaase

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.