Fana: At a Speed of Life!

Godina Buunnoo Baddalleetti hojiin misooma sululaa eegalame

Finfinnee, Muddee 12, 2014 (FBC) – Hojiin misooma sululaa bara kanaa aanaalee godina Buunnoo Baddallee 9 keessatti eegalamuu waajjirri Qonnaa Godinichaa beeksiise.

Akka Godinichaatti aanaa Cooraa Ganda Abbaa Booraa Sululaa Qoree irraatti ifaatti eegalmeera.

Itti Gaafatamaan Waajjira Qonnaa Godina Buunnoo Beddellee obbo Daawit Jifaar Godinichatti, iddoowwan misooma sululaaf adda bahan ogummaadhaan deeggaruun kan hojjetamu ta’uu himaniiru.

Bulchaan Godina Buunnoo Beddellee, Obbo Amaan Danuu hojii misoomaa sululaa, misooma jallisii fi hojii nageenyarratti xiyyeeffannaa addaan kan hojjetamu ta’uu eeraniiru.

Hojiin misooma sululaa kun guyyoota 60 itti aananiif kan hojjatamu ta’uu OBN gabaaseera..

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.