Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaati baafamuuf kan turan maallaqoonni biyyoota garaagaraa fi warqee batteeffamaan kiiloo giraamni 5.8 to’annaa jala oolan

Finfinnee, Muddee 12, 2014 (FBC)- Karaa seeraan alaa Ityoophiyaati baafamuuf kan turan maallaqoonni biyyoota garaagaraa fi warqee batteeffamaan kiiloo giraamni 5.8 to’annaa jala oolaniiru.

Akkasumas meeshaaleen qunnamsiistuu fi uffataaleen garaagaraa raawwii gochaa shororkeessummaaf garee shororkeessitoota Shanee fi ABUT’tiif daddabarfamaa turan to’atamaniiru.

Shakkamtoonni 134 to’annaa jala ooluu ibsameera.

Tajaajilli Odeeffannoo Biyyoolessaa ibsa Faanaa Broodkaastiing Koorporeetiif ergeen, sakattoo fi to’annoo haala waqtaawaa biyyaan walqabsiisee buufata xiyyaaraa Boolee Idil Addunyaatti taasifameen Paawundiin kumni 34 fi 100, Yuuroon kumni 27 fi 170, Maallaqni Swiizii fi doolaarri Kaanaadaa 400 dabalatee Birriin Ityoophiyaa miiliyoonni 4 fi kumni 59 fi 378, Doolaarri Ameerikaa kumni 209 fi 750, Yuuroo kuma 47 fi 370 fi Paawundii Ingiiliiz kumni 37 fi 330 namoota dhuunfa yakkichaan shakkamaan 134 waliin to’annaa jala ooleera.

Warqee batteeffamaan kiiloo giraamni 5.8 karaa seeraan alaa Ityoophiyaatii baafamuuf kan turee yoo ta’uu, namoonni dhuunfa gochicha waliin shakkamaan 12 to’annaa jala ooluun qorannoon taasifamaa jiraachuu ibsameera.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.