Fana: At a Speed of Life!

Oromiyaatti misooma jallisii waliigala marsaa 1ffaan lafti heektarri kuma 500tti siquu qotame

Finfinnee, Muddee 12, 2014 (FBC)-Naannoo Oromiyaatti misooma jallisii waliigala marsaa 1ffaan lafti heektara kuma 500tti siiqu qotameera.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa guddina misoomaa hawwaas-dinagdee ariifataa fi itti fufiinsa qabu mirkaneessuu fi jireenya uummata naannoo keenyaa bu’uurarraa fooyyessuuf sochii gama hundaan taasisaa jiruun misooma qonna jalliisiif xiyyeeffannoo jabaan hojjetaa jira.

Haaluma kanaan, ragaan kilaastera misooma baadiyyaa Waajjira Oromiyaarraa argame akka agarsiisutti, naannoo Oromiyaatti hanga ammaatti, lafti heektera kuma dhibba 452 fi 899 qotamee kan jiru yoo ta’u, kanneen keessa lafa heektara kuma 299 fi 003 irratti midhaan faca’eera.

Mootummaan naannoo Oromiyaa sochii qonna naannoo keenyaa jijjiiruun oomishtummaa fi dorgomummaa dinagdee guddisee wabii nyaataa mirkaneessuufi oomishalee biyya alaatii galan bakka buusuun,al ergii dabaluuf bonaa ganna mala ammayyaan oomishuuf karoorsee hojjetaa jiruun qonnaan bultootaaf paampii bishaanii dhiyeessaas jira.

Haaluma kanaan, hanga gaafa ragaan kun qindaa’eetti paampiiwwan bishaanii kuma 7 fi 90 ta’an qonnaan bultoota, horsiisee bultootaafi dargaggoota hojii dhabeeyyii gurma’aniif raabsameera.

Kana malees,Naannoo Oromiyaatti misooma qamadii jallisiin misoomsuuf tarkaanfii haaraa (new initiative) qoratamee hojii irra ooleen bara kana hanga ammaatti lafa qamadii jallisii hektaara kuma 350,000 facaasuuf karoorfame keessaa lafa hekt,kuma 195 fi 092 qotamee , lafa heektaara kuma 99 fi 720 irra qamadiin faca’uu ragaan Waajjira Preezdaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaarra argamee ni muul’dhisa.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.