Fana: At a Speed of Life!

Magaaloonni Samaaraa, Loogiyaa, Dubtii, Asaayiittaa, Miillee, Dichoo, Alidaarii fi Gaalaafiin tajaajila humna elektirikaa argatan

Finfinnee, Muddee 12, 2014 (FBC)- Magaaloonni Samaaraa, Loogiyaa, Dubtii, Asaayiittaa, Miillee, Dichoo, Alidaarii fi Gaalaafiin tajaajila humna elektirikaa irra deebiin argachuu isaanii Tajaajilli Humna Elektirikaa Ityoophiyaa beeksiseera.

Gareen shororkeessaa ABUT wayita naannoo Affaar weerare tureetti bu’uraalee misoomaa elektirikaa barbadeessuun isaa ni yaadatama.

Hoggantoonnii fi hojjettoonni Tajaajila Elektirikaa Naannoo Affaar hirmaannaa olaanaa hojii suphaa sarara elektirikaarratti taasisaniin magaaloonni kunneen irra deebiin humna elektirikaa argachuun isaanii ragaan Tajaajila Humna Elektirikaa Ityoophiyaarra argamee ni muul’dhisa.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.