Fana: At a Speed of Life!

Sirna itti gaafatamummaa diriirsuuf ga’umsa raawwii karooraa guddisuun murteessadha – Dooktar Fitsum Asaffaa

Finfinnee, Muddee 11, 2014 (FBC) – Sirna itti gaafatamummaa diriirsuuf ga’umsa raawwii karooraa haala itti fufiinsa qabuun guddisuun murteessaa ta’uu Ministirri Ministeera Pilaanii fi Misoomaa Dooktar Fitsum Asaffaan ibsan.

Raawwiin karooraa dhaabbilee mootummaa guyyoota 100 gamaaggamaa jira.

Ministeerri Pilaanii fi Misoomaa raawwii hojii karooraa guyyoota 100 darbanii Ministeera Innooveeshinii fi Teeknooloojii, Geejjibaa fi Loojiistiiksii gamaaggameera.

Sirna itti gaafatamummaa diriirsuuf ga’umsa raawwii karooraa haala itti fufiinsa qabuun guddisuun murteessaa ta’uu Ministirri Ministeera Pilaanii fi Misoomaa Dooktar Fitsum Asaffaan gamaaggamicharratti ibsaniiru.

Hordoffii fi gamaaggamni hojiin mootummaa sirnaan hojjetamaa jiraachuu mirkaneessuuf mala sirrii ta’uu eeruu isaanii ragaan Ministeera Pilaanii fi Misoomaarraa argame ni muul’isa.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.