Fana: At a Speed of Life!

Bulchiinsa magaalaa Finfinnee kaarta abbaa qabeenyumma kilaboota Buna Ityophiyaa fi Qiddus Goorgisiif kenne

Finfinnee, Amajjii 19, 2012 (FBC) – Bulchiinsa magaalaa Finfinnee guyyaa har’aa ijaarsa istaadiyoomiif kan oolu kaarta abbaa qabeenyumma kilaboota Buna Ityophiyaa fi Qiddus Goorgisiif kenneera.

Itti Aanaan Kantiibaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Injiinar Takkalaa Uumaa ijaarsa istaadiyoomii fi wiirtuu leenjiif kan oolu kaarta abbaa qabeenyumma kilaboota kubbaa miilaa Buna Ityophiyaa fi Qiddus Goorgisiif laataniiru.

Injiinar Takkalaa Uumaan wayita kana kilaboonni kunneen ambaasaaddaroota magaalichaa ta’uurra darbee, nageenya magaalitti mirkaneesuuf ga’ee isaani ba’achuu akka qaban dubbataniiru.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.