Fana: At a Speed of Life!

Yuunvarsiitiin Salaalee hawaasa godina Booranaatti hongeedhaan miidhamaniif deeggarsa taasise

Finfinnee, Muddee 11, 2014 (FBC)- Yuunvarsiitiin Salaalee hawaasa godina Booranaatti hongeedhaan miidhamaniif deeggarsa taasiseera.

Hanqina roobaa ganna darbe godina Booranaatti muudateen hawaasni godinichaa rakkoof saaxilamuunsaa ni beekama

Yuunvarsiitiin Salaalees marga loon nyaatan hidhaa 400 fi nyaata namaa daakuu qamadii kuntaala 200 baasii Birrii miiliyoona tokkoo oliitiin bituun deeggarsa taasiseera.

Yuunvarsiitii Salaalee bakka bu’uun deeggarsa kana kan kennan Dooktar Taaddasaa Birhaanuu Daayreektarri Tajaajila Hawaasaa yeroo deeggarsicha kennanitti haasawa taasisaniin, deeggarsi kun kan itti fufu ta’uu fi rakkoo hongee hawaasa Booranaa muudate bu’uuraan furuuf Yuunvarsiitii Booranaa waliin ta’uun hojjachuuf karoorfachuu isaanii ibsaniiru.

Sanyiiwwan loon Booranaa fooyyeessuu fi nyaata looniirratti qorannoo saayinsaawaa adeemsisuun soorata haala qilleensaa dandamachuu danda’u naannichaatti oomishuuf kan hojjatan ta’uus ibsuusaanii ragaan Yuunvastiitii Salaaleerra argamee ni muul’dhisa.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.