Fana: At a Speed of Life!

Dhaabbatichi qaamolee qooda fudhattootarraa kan walitti qabe deeggarsa Birrii miiliyoona 3 raayyaa ittisa biyyaaf taasise

Finfinnee, Muddee 11, 2014 (FBC)- Tajaajilli Elektirikaa Ityoophiyaa qaamolee isaa waliin hojjetan irraa kan walitti qabe deeggarsa Birrii miiliyoona 3 Ministeera raayyaa ittisa biyyaaf laateera.

Deeggarsichi raayyaa ittisa biyyaa birmaddummaa biyyaatti kabachiisuuf aarsaa kaffalaa jiruuf ta’uu ibsameera.

Dhaabbatichi kana duraa mootummaa naannoo Amaaraaf Birrii miiliyoona 4 akkasumas naannoo Affaariif miiliyoona 3 laachuun isaa ni yaadama.

Deeggarsicha kan laataan hoji raawwachiisaan olaanaa dhaabbaticha Shifarraaw Taliilaa, rakkoon nageenyaa yeroo ammaa biyyatti keessaa jiru bu’uraalee misooma elektirikaarratti miidhaa qaqqabsiisuu ibsaniiru.

Dhaabbatichi raakkoowwan kanneen yeroo muraasa keessaatti furuuf hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.

Deeggarsicha kan fuudhan Ministir deetaan Ministeera Raayyaa Ittisa Biyyaa aadde Maartaa Liwuujii deeggarsa taasifameef galateeffataniiru.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.