Fana: At a Speed of Life!

Deeggarsi Ityoophiyaanoonni taasisaa jiran ‘lammiilee miidhaan irraa ga’ee dandamachiisuu ni danda’a’- Dooktar Yiliqaal

Finfinnee, Muddee 11, 2014 (FBC)- Deeggarsi Ityoophiyaanoonni taasisaa jiran ‘lammiilee miidhaan irra ga’ee dandamachiisuu ni danda’a’ jechuun Preezdaantiin Naannoo Amaaraa Dooktar Yiliqaal Kaffalaan ibsaniiru.

Ministeerri Haqaa waldaa Abukaatoota Ityoophiyaa fi ogeeyyoota seeraa waliin tumsaan deeggarsa akaakuu garagaraa fi Birrii miiliyoona 3.5 naannoo Amaaraaf laateera.

Dooktar Yiliqaal sirna wal harka fuudhinsicharratti akka himanitti, Gareen shororkeessaa ABUT lammiileerratti miidhaan qaqqabsiisee olaanaa ta’uus Ityoophiyaanoonnii fi dhalattoonni Ityoophiyaa deeggarsi taasisaa jiran miidhaa qaqqabee ni dandamachiisaa jedhaniiru.

Ministir deetaan Ministeera Haqaa damee Abbaa Alangaa Waliigala obbo Fiqaaduu Tsaggaan gama isaaniin miidhaan gareen shororkeessaa ABUT qaqqabsiisee shooraa al tokkotti taasifamuun kan furamuu miti jedhaniiru.

Lammiileen hundi hirmaannaa deeggarsa taasisuu akka qaban ibsuu TOI gabaaseera.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.