Fana: At a Speed of Life!

Naannoo Oromiyaatti duulli Kunuunsa Qabeenya Umamaa Amajjii 5, 2014 ni eegala

Finfinnee, Muddee 11, 2014 (FBC) – Naannoo Oromiyaatti duulli Kunuunsa Qabeenya Umamaa Amajjii 5, 2014 kan eegalu ta’uu ibsameera.
Sagantaan Muxxannoo wal-jijjiiraa misooma suluulaa akka Oromiyaatti Godina Harargee Lixaarra aanaa Gammachiisiitti eegalameera.
Qonnaa bultoonni Aanaa Gammachiis Sababa mancaatii naannawaa isaaniitiin buqqatiif saaxilamaa akka turuu eeruun ergaa misooma sululaatiin hojii qabeenya umamaa kunuunsuu jalqabanii madda galii fi wabii nyaataan of danda’aa jiraachuu eeraniiru.
Itti Gaafataman damee qabeenya Umamaa fi wabii nyaataa fi Itti aanaan Hogganaa Biiroo Qonnaa Oromiyaa obbo Eeliyaas Kadiir Hojiin Kunuunsa qabeenya umamaa bara kanaa Amajjii 5, 2014 kan eegalu himaniiru.
Muuxxannoo Harargee Lixaa fakkeenyaa gaarii waan ta’eef godinaalee birootti babal’isuuf ogeessi itti gaafatamumman kan hojjetu ta’a jedhaniiru.
Akka Oromiyaatti ogeeyyiin misooma suluulaa1109 ta’an kanneen Godinaalee 21, aanaalee 293 fi magaalota gurguddoo 19 irraa hirmaatan hojii misooma suluulaarratti muuxannoo marsaa sadiin kan qooddatan yoo ta’u, guyyaa har’aas bakka Hoggganaan Biiroo Qonnaa Oromiyaa obbo Abarraa Worquu argamanitti marsaan jalqabaa Aanaa Gammachiisitti eegaleera.
Daawwaannaa marsaa jalqabaa kanaarratti ogeeyyiin Godinaa fi Aanaa 369 kannneen godinaalee 7: Boorana, Gujii Lixaa, Arsii Lixaa Baalee Bahaa, Shawaa Lixaa, Shawaa Bahaa fi Harargee Lamaan irraa hirmaataniin argamaniiru jedhame.
Dabalaa Taaddasaat gabaase.
Naannoo keessan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.