Miseensonni Raayyaa Ittisaa adda waraanaa Gaaashanaa oomisha Qonnaan bultootaa walitti qaban
Finfinnee, Muddee 11, 2014 (FBC) – Miseensonni Raayyaa Ittisa Biyyaa adda waraanaa Gaashanaa ABUT irratti injifannoo boonsaa galmeessuu cinaatti hojii misoomaarrattis hirmaachaa jiru.
Miseensonni Raayyaa Ittisa Biyyaa duula birmadummaa biyyaa mirkaneessuu cinaatti hojii tajaajila hawaasummaa keessatti qooda fudhachaa jiraachuu Faanaa Broodkaasting Korporeetiif himaniiru.
Sababa ABUT jiraattota naannichaa qe’ee fi qabeenya isaaniirraa buqqisee tureen oomishni yeroo sassaabamuu qabutti walitti qabamuu dhabuun yaada tokkoon hojii lama akka hojjennu nu dirqisiiseera jedhan.
Hawaasni hunduu adda itti bobba’een kutannoon hojjennaan hojiin juntaa biyyarraa qulqulleessuu fagoo miti jechuun ibsaniiru.
Iddoosaa Abdiitu gabaase.
Naannoo keessan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.