Fana: At a Speed of Life!

Godina Mattakkal humnoota farra nageenyaa waraana bakka bu’iinsaarratti hirmaatanirratti tarkaanfii cimaan ni fudhatama- obbo Gaddaa Andaargaachoo

Finfinnee, Muddee 10, 2014 (FBC) – Naannoo Beenishaangul Gumuz godina Mattakkal humnoota farra nageenyaa waraana bakka bu’iinsaarratti hirmaatanirratti tarkaanfii cimaan kan fudhatamu ta’uu gorsaan dhimma nageenyaa muummee ministiraa  obbo Gaddaa Andaargaachoo ibsan.

Hawaasni naannichaa tarkaanfii mootummaan yakkamtoota kanneen irratti fudhachaa jiru deeggaruun shakkamtoota saaxiluu akka qabu gaafataniiru.

Dhimma nageenyaa godinichaa haala waaraan furuun danda’amurrai yaa’iin nageenyaa jaarsolii biyyaa fi hoggantoota gosaa hirmaachise magaalaa Gilgal Balasitti gaggeeffameera.

Waraanni bakka bu’iinsaa yeroo yeroon godinichatti gaggeeffamu lammiilee nagaa ajjeessuu fi q’e’ee fi qabeenya isaaniirraa buqqaasuu obbo Gadduun yaa’icharratti ibsaniiru.

Mootummaan rakkoo kanaaf furmaata kennuuf filannoowwan garaagaraa dhiyeessus qaamoleen gocha badiisaanii itti fufan jiraachuu kaasaniiru.

Jaarsoliin biyyaa, hoggantoonni gosaa fi hawaasni Yaalii mootummaan nageenya lammiilee eegsisuuf taasisu cina dhaabbachuun humnoota farra nageenyaarratti qabsaa’uu akka qaban eeraniiru.

Godiinichatti tarkaanfiin humnoota farra nageenyaa waraana bakka bu’iinsaa irratti bobba’an irratti fudhatamu cimee kan itti fufu ta’uu ibsaniiru.

Preezdaantiin naannoo Beenishaangul Gumuz Ashaadlii Hasan gamasaaniin, godinichatti humna ajandaa waraana bakka bu’iinsaa fudhatee rakkoo hamaa uummatarraan ga’an irratti tarkaanfii qindaa’aan kan fudhatan ta’uu kaasaniiru.

Humnoonni badii godinicha keessa socho’an mootummaatti harka akka laatan, harka hin laatan yoo ta’e garuu tarkaanfii cimaan kan irratti fudhatamu ta’uu qindeessaan Komaandipoostii godiinichaa leetenaal jeneraal Hasan Ibraahim ibsaniiru.

Maddi :- TOI

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.