Lammiilee qe’ee fi qabeenya isaaniirraa buqqa’an deebisanii dhaabuuf hawaasni muusiliimaa deeggarsa akka taasisu waamichi dhiyaate
Finfinnee, Muddee 10, 2014 (FBC) – Lammiilee gocha garee shororkeessa ABUTiin qe’ee fi qabeenya isaaniirraa buqqa’an deebisanii dhaabuuf hawaasni muusiliimaa deeggarsa akka taasisu Manni Maree Olaanaa Dhimmoota Islaamaa Naannoo Amaaraa waamicha dhiyeesse.
Lammiilee kanneen deebisanii dhaabuuf waltajjiin sosochii galii walitti qabuu magaalaa Baahirdaaritti gaggeeffameera.
Waltajjichaan gareen shororkeessaa ABUT naannolee Amaaraa fi Afaaritti lammiilee nagaa ajjeesuu, dubartoota gudeeduu fi lammiilee hedduu qe’ee fi qabeenyarraa buqqaasuu ibsameera.
Dhaabbilee amantaa fi bu’uuraalee misoomaa tajaajila hawaasaaf oolan barbadeessuu eerameera.
Miidhaa fi dararaa garee shororkeessaan kun lammiileerraan ga’e gocha gara jabinaa seenaan dhiifama hin gooneef ta’uu preezdaantiin mana marechaa Sheeh Sa’iid Mahaammad ibsaniiru.
Lammiilee garee shororkeessaa kanaan miidhaman karaa waaraa ta’een deebisanii dhaabuuf hawaasni musiliimaa ga’ee isaa akka ba’atu waamicha dhiyeessuu AMKn gabaaseera.
Naannoo keessan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.