Fayyadamummaa muduraa fi bunaa dhaabamanii mirkaneessuun hojiilee ittaanuu ta’uu qaba- Obbo Abarraa Warquu
Finfinnee, Muddee 10, 2014 (FBC) –Fayyadamummaa muduraa fi bunaa dhaabamanii mirkaneessuun hojiilee inishiyeetivichaa ittaanuu ta’uu qaba jedhan Hoogganan Biiroo Qonnaa fi Qabeenyaa umamaa Oromiyaa Obbo Abarraa Warquu.
Leenjiin leenjistootaa ga’umsa raawwachiisummaa ogeeyyii qonnaa cimsuurratti xiyyeeffate guyyoota 4’f geggeffamaa ture xumurameera.
Xumuraa leenjichaarratti Obbo Abarraa Warquun kallatti hojii fuulduree ogeeyyota leenjichaarratti hirmaataniif kennaniiru.
Fayyadamummaa muduraa fi bunarraa argamu guddisuuf mootummaa naannichaan xiyyeeffannoon kennamee hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.
Muduraa hedduun dhaabamuu ibsuun kanaan booda faayida qabeessummaa isaanii dhaabbatanii mirkaneessuuf hojjechuun murteessaa ta’uu dubbataniiru.
Inishiyeetiviiwwan qonnaa xiyyeffaannan irratti hojjetamaa jiru keessaa muduraa fi bunni tokko ta’uu kaasaniiru.
Ganna dhufu biqiltuuwwan dhaabamuu qabanirratti xiyyeeffachuunis barbaachisaa akka ta’e eeraniiru.
Dabalaa Taaddasaatu gabaase
Naannoo keessan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.