Fana: At a Speed of Life!

Namoonni vaayrasii koronaan shakkaman qorannoo biyyaa keessan bilisa ta’uun isaanii ibsame

Finfinnee, Amajjii 19, 2012 (FBC) – Ityoophiyaatti namoonni vaayrasii koronaan shakkaman qorannoo biyyaa keessan bilisa ta’uun isaanii ibsameera.

Ityoophiyaatti namoonni vaayrasii koronaan shakkaman qorannoo biyyaa keessan bilisa ta’uun isaanii kan ibsame yoo ta’u, qorannoo dabalataaf saamudni shakkamtoota Afrikaa Kibbatti ergameera.

Ityoophiyaatti namoota vaayrasii Chaayinaatti muul’ate; koroonaan shakkaman 4f hordoffiin fayyaa taasifamaa jira jedhameera.

Inistiitiyuutiin Fayyaa Hawaasaa Ityoophiyaa fi Ministeerri Fayyaa FDRI ibsa waloo laataniin namoota vaayrasichaan shakkaman 4f hordoffiin taasifamaaf jira.

Samuudaan shakkamtootaa Afrikaa Kibbaatti qorannoof ergameera.

Shakkamtoonni hordoffiif kwaaraantiinii Bulee Xaafaa galfamaniiru.

Shakkamtoonni kanneen yuunvarsiitii Chaayinaa Wuhaan jiru keessatti kan baratan yoo ta’an, tokkoon isaaniirratti mallattoon qufaa fakkaatu waan muul’ateef, sadan isa waliin jiraniifis hordoffiin kwaaraantiinii taasifamaa jira.

Shakkamuun ala hundi isaanitii nagaa ta’uun ibsichaan eerameera.

Samuudaan isaanii biyya keessatti ilaallamee fayyaa ta’uun isaanii kan mirkanaa’e yammuu ta’u, qorannoo dabalataatif gara Afrikaa Kibbaa ergameera.

Gareen ittisaa fi to’annoo weerara vaayrasii koroonaa Ministeera Fayyaa FDRItin duurfamu hundaa’ee hojjechaa jira.

Garichaanis Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee, Daandiin Qilleensaa Ityoophiyaa, Ministeerri Dhimma Alaa FDRI, Poolisiin Federaalaa, Fannoo Diimaa, Ministeerri Aadaa fi Tuuriizimii, Immiigreeshinii fi qooda fudhattoonni biroon hammatamaniiru.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.