Giddugalli gabaa ”Oro Freesh” damee 6ffaan Jamoo 3tti baname
Finfinnee, Muddee 9, 2014 (FBC)- Giddugalli gabaa “Oro Freesh” damee 6ffaan Jamoo 3tti banamuu ibsameera.
Kubbaaniyyaan ”Oro Frees” oomishtoota gabaa waliin kallattin walqunnamsiisuu guyyaa har’a damee 6ffaa isaa Jamoo 3tti banuun hojii eegalchiiseera.
Kubbaaniyyichi magaalaa Finfinnee keessatti dameeewwan isaa Bolee, Tulluu Diimtuu, Markaatoo, Saarbeet Addabaabaay Pushkiin, Jamoo tokkoo fi sadiitti banuun dameewwan isaa babaldhisuu irratti argama.
Oomisha qonnaan bulaa kallattiin gara gabaatti gatii madaalawaan dhiheessuun qalaayiinsa jireenyaa akka biyyaatti mudataan furuuf hojjechaa jira kubbaaniyyichi.
Maamiltoonni dubbisnees meeshaalee bu’uuraa gatii madaalawaan argachaa jiraachuu eeraniiru.
Yuuniyeenoonni waldaalee hojii gamtaas gama isaaniitin fedhiin hawaasni guyyaadhaa gara guyyaatti dabalaa jiraachuu himaniiru.
Kubbaaniyyichi kana boodas dameewwan isaa torbee Sanbataa fi Dilbata kan babaldhisuu ta’uu Itti Aanaan Eejansii Baballina waldaa hojii Gamtaa Oromiyaa Obbo Tasfaayee Waaqjiraa himaniiru.
Jamiilaa Jamaaltu Gabaase
Naannoo keessan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.