Fana: At a Speed of Life!

Raashiyaan dhiibbaa kamiyyuu Ityoophiyaarratti taasifamuu kan mormitu ta’uu ibsite

Finfinnee, Muddee 9, 2014 (FBC)- Raashiyaan dhiibbaa kamiyyuu Ityoophiyaarratti taasifamuu kan mormitu ta’uu ibsiteetti.

Raashiyaan mata duree ‘rakkoo Afrikaaf furmaanni Afrikaanoota’ jedhuu akka hordoftuu fi Gamtaan Afrikaa rakkoowwan Ityoophaa keessaa jiraan furuuf tattaaffii taasisuu akka deeggartu ibsiteetti.

Waltajjiichi Manni Maree Mirgoota Namooma Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii guyyaa kaleessa Ityoophiyaa ilaalchisee waameerratti biyyoonni garagaraa argamaniiru.

Kanaafis Raashiyaan birmadummaa, walabuummaa fi bulchiinsa tokkummaa Ityoophiyaaf deeggarsaa fi ejjennoo qabdu mirkaneessiteetti.

Raayishaan ibsa baasteen, haalli Ityoophiyaa keessaa jiru burjaajja’aa ta’uusaan yaaliin toftaalee siyaasa baldhisuuf taasifamuu akkuma duraa ammallee kan mormituu ta’uu ibsiteetti.

Kunis rakkoo Ityoophiyaa furuuf bu’aa kan hin buusnee akkasumas miidhaa siyaasaa fi waraanaa furuuf shooraa akka hin qabaannee beeksisteetti.

Biyyattiin dhiibbaa kamiyyuu Ityoophiyaarratti taasifamuu kan mormituu ta’uu ibsiteetti.

Mootummaaan Ityoophiyaa maloota qabiinsa mirga namoomaan idil addunyaan waliin tumsuusaa ibsuun, kanaafis  Komishinii Mirga namooma Ityoophiyaa hojii ogummaa fi walabaa akka hojjetuu ibsiteetti.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.