Fana: At a Speed of Life!

Manni Barumsaa Waajjirri Giiftii Duree hojjechiise ebbifame

Finfinnee, Amajjii 19, 2012 (FBC) – Manni Barumsaa Waajjirri Giiftii Duree hojjechiise ebbifame.
 
Manni Barumsaa Warra Ifaa Salaalee Sadarkaa 2ffaa godina Shawaa Kaabaa aanaa Waacaalee toora magaalaa Muka Xurii ganda Bosoqqee Jaateetti Waajjira Giiftii Dureetin ijaarrame ebbifame.
 
Manni barumsichaa baatii 4f Birrii miiliyoona 14 ijaarramaa tureera.
 
Manni barumsichaa dareewwan 16 kan qabu yammuu ta’u, barattoota 800 keessummeessuu danda’a jedhameera.
 
Waajjirri Giiftii Duree kanaan dura manneen barnootaa 4 fi oolmaa daa’immanii 1 ijaarsisuun ebbisiisera.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.