Fana: At a Speed of Life!

Waajjirri Olaanaa Paartii Badhaadhinaa maatii duultota adda waraanaa 220 oliif deeggarsa taasise

Finfinnee, Muddee 8, 2014 (FBC) – Waajjirri Olaanaa Paartii Badhaadhinaa maatii duultota adda waraanaa bulchiinsa magaala Finfinneetti argaman 220 oliif deeggarsa daakuu fi zayita nyaataa taasisuu ibsame.

Deeggarsi taasifame Birrii kuma dhibba 6 olitti kan tilmaamamu ta’uu Paartii Badhaadhinaatti Ittaanaan Itti gaafatamaa damee dhimma ijaarsaa Obbo Kaali Aliwaan ibsaniiru.

Hawaasni maatii namoota adda waraanaatti duulanii deeggaruun aantummaa fi jaalala  raayyaa ittisa biyyaatiif qabu hojiin mirkaneessuu qaba jedhaniiru.

Duulli birmadummaa biyyaa kabachsiisuu injifaannoon akka xumuramuuf hundi  kutannoo fi xiiqiin hojjechuu akka qabu eeraniiru.

Deeggarsi taasifameef hamilee itti horuu fi maatiin isaanii adda waraanaatti duulan injifannoon akka deebi’an abdii guddaa qabachuu isaanii OBN gabaaseera.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.