Fana: At a Speed of Life!

Taarifni Minii Baasotaa fi Taaksiwwanii har’aa eegalee hojiirra oolu ifoome

Finfinnee, Muddee 8, 2014 (FBC) – Magaalaa Finfinneetti fooyya’insi gatii Taarifa Minii Baasotaa fi Taaksiwwanii har’aa eegalee hojiirra oolu ifoomeera.
Biiroon Geejjiba magaalaa Finfinnee taarifa haaraa har’aa eegalee hojirraa oolu ilaalchisee ibsa laatera.
Haaluma kanaan Taarifni Minii Baasii (Hagar Baasii) Kiiloo Meetiraan saantima 40 ture har’aa eegalee saantima 45, kan Taaksiiwwanii Kiiloo meetiraan saantima 90 ture gara Birrii 1 fooyya’uu ibseera.
Daballiin Minii Baasotarratti taasiifame gadi aanaan Birrii 1 yoo ta’u olaanaan Birrii 2 ta’uu Biirich ibsa lateen himeera.
Taaksiwwanirratti ammoo daballiin taasiifame gadi aanaan Saantima 50 yoo ta’u olaanaan ammo Birrii 3 fi saantima 50 ta’uu ibsameera.
Daballiin taarifaa taasiifame fageenya giddu galeessa kan taasiifate ta’uu eerameera.
Daballiin taarifa kun geejjibawwan heddumataa kan hin ilaallanne ta’uu Biiroon Geejjibaa magaalaa Finfinnee ibseera.
Taarikuu Laggasaatu gabaase.
Naannoo keessan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.