Fana: At a Speed of Life!

Guyyaan Waldaalee Hojii Gamtaa qopheessummaa Baankii Hojii Gamtaa Oromiyaatiin kabajamaa jira

Finfinnee, Muddee 8, 2014 (FBC)- Guyyaan Waldaalee Hojii Gamtaa Qopheessummaa Baankii Hojii Gamtaa Oromiyaatiin Yeroo 3ffaadhaaf magaalaa Adaamaa Galma Abbaa Gadaatti kabajamaa jira.

Guyyichi mata duree ‘Waldaalee Hojii Gamtaa Guddina Hawaas-Diinagdee Waara’aadhaaf’ jedhuun yeroo sadaffaaf’ kabajama jira.

Kabaja guyyichaarrattis hooggantoonni Waldaalee Hojii Gamtaa Federaalaaf Naannoo,Qotee Bultoonni  akkasumas Hooggantoonni olaanoon Mootummaa Naannoo Oromiyaa  argamaniiru.

Sagantaa kana irratti qonnan bultoonni adda dureen 100 naannoo Oromiyaa irraa walitti babba’aan hirmaachaa jiru.

Baankiin Hojii Gamtaa Oromiyaa Yaa’ii Abbootii Aksiyoonaa 17ffaa isaa guyyaa boruu bakka Preezdaantii Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa argamanitti ni gaggeessa.

Yaaddessaa Geetaachootu Gabaase.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.