Fana: At a Speed of Life!

Koonfaransiin nageenyaa Yuunvarsiitii Dirree Dawaatti taa’ame

Finfinnee, Amajjii 19, 2012 (FBC) – Koonfaransiin nageenyaa Yuunvarsiitii Dirree Dawaatti taa’ame.
 
Yuunvarsiitichi baruu barsiisuu haala gaaridhaan itti fufsiisuuf har’a koonfaransii nageenyaa gaggeessera.
 
Waltajjicharratti abbootiin Gadaa, hoggansi amantaa, jaarsoliin biyyaa, hoggansi bulchiinsa magaalaa Dirree Dawaa, barattoonnii fi hawaasni yuunvarsiitichaa argamaniiru.
 
Itti aanaan preezdaantii dhimmoota bulchiinsaa fi eeggataan preezdaantii Yuunvarsiitii Dirree Dawaa Dooktar Ubaa Adam rakkoon nageenyaa baruu barsiisuurratti dhiibbaa uumuu, lubbuun barattootaa darbuu fi kunis hawaasa naannoo miidhamaa taasisuu ibsaniiru.
 
Barattoonni barnoota isaaniitti akka jabaatanii fi nageenya mooraa yuunvarsiitichaa tiksuu keessatti akka tumsan gaafataniiru.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.