Fana: At a Speed of Life!

Shakkamtoota kuma 1 fi 600 ta’an seeraaf dhiyeessuun hin danda’amne- obbo Birihaanuu Tsagaaye

Finfinnee, Amajjii 19, 2012 (FBC) – Shakkamtoota yakkoota garagaraan barbaadaman kuma 3 keessaa kuma 1 fi 600 seeraaf dhiyeessuun hin danda’amne jedhame.

Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa FDRI walga’ii idilee 11ffaa bara hojii 5ffaa guyyaa har’aa gaggeessera.

Manni marichaa gabaasa raawwii hojii Abbaa Alangaa Walii Galaa FDRI bara baajataa 2012 kan baatii 6 dhaggeeffateera.

Abbaan Alangaa Walii Galaa FDRI baatiiwwan 6n darbanitti dhimmoota damee haqaa irratti hojii bal’aa hojjechuun isaa himameera.

Olaantummaa seeraa mirkaneessuu fi hojii yakka ittisuu bu’aa qabeessa taasisuuf tarsiimoo yakka ittisuu qopheessuun hojiin hojjetame hedduu ta’uu Abbaan Alangaa Waliigalaa FDRI obbo Birihaanuu Tsaggaayee dubbtaniiru.

Galmeewwan yakkaa adeemsi qorannoo isaanii xumurame kumni 27 fi 959 himanni irratti abaname keessaa kumni 27 fi 684 murtee argateera jedhan obbo Birihaanuun.

Galmeewwan 175 ammoo adeemsa irra jiru jedhan.
Dhimmoota murtee argatan keessaa galmeewwan kumni 19 fi 238 himannaan kan irratti baname yoo ta’’u, kumni 8 fi 446 sababoota seeraa garagaraan cufamuu isaanii obbo Birihaanuun ibsaniiru.

Galmeewwan kumni 32 fi 949 adeemsa mormii irra kan jiran yoo ta’u, galmeewwan kumni 7 fi 335 murtee argataniiru.

Kana keessaa galmeewwan kumni 6 fi 897 murtee balleessummaa, galmeewwan 438 ammoo murtee bilisa aragchuu isaanii obbo Birihaanuun ibsaniiru.

Shakkamtoota yakkoota garagaraa fi himannaaf barbaaddaman kuma 3 keessaa seeraaf kan dhiyaatan shakkamtoota kuma 1 fi 404 qofa jedhan.

Shakkamtoota kuma 1 fi 600 seeraaf dhiyeessuun hin danda’amne jedhaniiru.

Shakkamtoonni 827 naannoo Beeniishaangul Gumuz, 655 naannoo Kibbaa, 50 naannoo Oromiyaa, 18 naannoo Amaaraa, 4 naannoo Tigraay, 33 naannoo Soomaalee fi 9 magaalaa Finfinneetti himanni irratti banamee seeraaf hin dhiyaanne jedhan.

Murtee adabbii malaammaltummaa irraa Birriin miiliyoonni 10 fi kumni 476, himannaa irraa Birrii miiliyoonni dhibbi 5 ol galiin argamuu isaa gabaasa isaaniin ibsaniiru.

Yeroo itti aanu keessa yakkoota gurmaa’an, sarbama mirga namoomaa, malaammaltummaa fi shakkamtoota himanni irratti banamee to’annoo seeraa jala hin oolle seeratti dhiyeessuuf xiyyeeffannoon kan hojjetamu ta’uu obbo Birihaanuun eeraniiru.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.